(Ebla 13, 2009) Guyyaa gootota Oromoo bara 2009 - Ebla/ April 4, 2009 magaalaa Seattle, Washington ti haala ho'aan kabajamee, kun akkuma aadeeffannetti eebba maguddoo fii faaruu alaabaan jalqabame.
Ayyaana kana irratti hawaasa Oromoo seattle fi nanno isitti argaman heddumminaan sirna kana irratti kan argaman yoo tahu, ayyaana guyaa kana irratti miseensa Shanee Gumii fi I/G Damee Dantaa Alaa J/Tamaam Yusuuf fi Miseensi Gumii Sabaa fi itti Gaafatamaan Jaarmaa J.Odaa Xasee irratti argamani haala qabsoo bilisummaa Oromoo fi guyyaa gootootaa ilaalchisee ibsa bal’aa kennanii jiru.
Itti aansuuniis J. Gaddisaa Abdullaahi miseensi gameessi ABO fi waldaa Artistoota Oromoo seenaa qabsoo Oromoo ABOn durfamu eessaa ka'ee eessa akka jiru muyxannoo qabsoo tanarraa horatan irratti hundaawuuun barnoota kennannii jiru.
Qophiidhuma kana irratti Dura Taa'an waldayaa Hawaasa Oromoo magaalaa Seattle J/Dheeressaa Goffaa niis Tokkummaan Oromoo galma gahinsa qabsoo keenyaaf wabii waan ta'ee dagaasuun, dirqama filannoo hin qabne ta'uu hubachiisan.
Maanguddoonni Oromoo qophii kana irratti argamaniis aadaafii seenaa Oromoo ilaalchisee, akkasumas qooda dargagootaa fi shamarranii ilaalchisee yaada bal’aa gummaachanii jiru.
Ummani keenyaa ayyaana kana irratti argaman, wal duraa duubaan qabsoo bilisummaa ABO dhaan gaggeefamu akka bira dhaabbatanii fi qooda isaani bahan waa’aada seenuun, battalumatti horii tin’isa qabsoof tahu gumaachanii jiru.
Guyyaa gotoota kana sababeefachuuniis galgala qophii bashananaa irratti Artistoonni Oromoo bebbeekamoo kan akka:
Abbabaa Abishuu, Maadii Jaaboon fi Shoolee Tafarraa argamuun ummata bashanansiisaa bulani jiru.
Akka kanaan sagantaan waaree booda 2:00 jalqabame odoo wal irraa hin cinne hamma ganama sa’aa 2:00 itti fufee haala nama gammachisuun xumuramee jira.
Injifannoon ummata oromoof!
Gadaan gadaa Bilisummaati!